Kaayyoo tapha afaan oromoo Taphni Afaan oromoo kaayyoo isaa inni guddaan wanti banameef ykn jalqabameef; aadaa, seenaa, aartii fi og-barruullee adda addaa gama Afaan oromootiin jiran barreessuun gama dubbistoota isaatiin gahuun booharsuu, fi barsiisuudha. Bilillee too seenaa teetu garaa na nyaataa. 1 thought on “ Bilillee (Mahbubaa ) intala Oromoo Bareeduman Qalbii Faranjii. Eenyummaa Oromoo kabachiisuuf. ![]() Namni gadaa tanaa Nuy bineensa hin gahu Hundu wal tuffataa Walif hin abboomu Yoo kuuni mirga jedhe Kuuni bitaan yaabbataa Inni humna qabus Irree isaa abbdataa Wal tuffiin hammattee Anatu caala jedha Bineensota ilaalaa Fakkeenyaaf jaldeessa Hoomadhaan socho’ee Gamtummaa jabeessaa Isin hoo? Ilmaan namaa Maaltu isin facaasaa? Reelsmart motion blur cs6 mac crack torrent. Ani isin taajjabe Bineensi daggalaa Tokkummaa jabeessaa Hunduu walif galaa Akka madaa woraabo Hooqu hin baay’isina Dubbii gatii hin qabneef Dhara hin hoo’isina Mee walif abbooma Wal hin tuffatina Nuun jetti Qamaleen, Bineensi daggalaa!!! “Dinqinesh” siin ja’an Maqaa kankee hin taaneen yeroo si yaaman, Maaliifi callistaa yeroo si jijjiiran, Kaaniis “Luusii” ja’ee si yaama maqaa kee, Ati maaliif usta himi eenyummaa kee, Bu’ura sanyii namaa haadha oromoo tahuu kee, Harmee ilmaan kuushoota Caaltuu dha maqaan kee. Mamii tokko malee himi’n sodaatinii, Dhiigaa fi lafeen tee foon kee si ibsanii, Maaliif if sodaattaa? Eenyummaa kankee sa maliif dhooysitaa? Seenaa tantee mara himadhuu if ibsii, An ‘Dinqinesh’ yookan ‘Luusii’ miti Ja’iitii if beeksisii, ‘Caaltuu’ tahuu kankee maqaa kee mul’isii, Akka namuu baru ittin if yaamsisii. Maqaa kee hin taanee, Yeroo si moggaasan ati maaf owwaatta, Osoo maqaa qabduu Maqaa alagaatiin maaliifi yaamamta, Osoo saba qabduu maaliif jijjiiramtaa, Of tahii lakkiisii maaliif if gurgurtaa, Maqaa kankee hin taaneen maaliifii ‘ooo’ jattaa? Ani Caaltu jadhii dhugaan hunda caaltaa, Ani Boontu jadhi saba keetiin boontaa, Oromoo tahuu kee maaliifi dagattaa? Eenyummaa kee ibsi maaliif if qaanfatta.x2. Jirra jirtuu jennee nagaa walgaafannee dargaggoofi shamarreen warri dhugaa barree gantuuf galtuu diinaa ofirraa abaarree haqaaf ni falmanna dhararraa fagaannee gabruummaaf ni fincillaa bilisummaaf kaanee nu dinne gabrummaa feenee bilisummaa haa jennuu ijaarree tokkummaa!!! Shamarree oromoo dargaggoo oromoo wal barbaanna qomoo kan kaabaa kan kibbaa itti fufe diddaa gabrummaan abidda dhaami maaf nadiddaa farra lammii kiyyaa jedha qeerroon biyyaa walabummaaf iyyaa nutis haa birmannu yaa shamarree biyyaa yoo kana raawwanne ishooooooooooo bagan naaf magartan isin ilmaan kiyyaa jettii ofiin boonti oromiyaa harmeen tiyyaa!!!! Ishooooo bagan ta’e oromoo abbaa biyyaa isoon orma ta’ee ulfudheetan iyyaa QEERROO OROMIYAA ISINAN JAALADHA ISINTU DAHOO KIYYAA AMMALLEE LALISAA SABOONTOTA BIYYAA!!! Cit ayodance 2018. Ulan’ula taatee, Kokkee too na seente, Qaama koo kessati Dhokattee, riphiftee, Dhiiga koo cunfattee, Yoo seentu qal’attee, Hanga arbaa gesse Na kessat guddattee, Foon koo mi’eeyfatee, Keessa kiyya teeysaa Harata tolfattee, Maadhee bareffatte. Waa si qofa miti Guuza afeerrattee, Tafkii fi tukaana Injirees yaammatte, Qiinqiinif injijii Qaama na gad dhifte, Wayyaaleedhas fiddee Miila na bobbaafte, Ajjata na kuttee, Arraas osoo jettu Shilmii narra shuumte. Kalee ulaan’ulaa, Arra shilmiin taatee Bifa jijjirrattee Qaama koo weerartee, Coraa kiyya urtee, Natti kottonfattee, Humnan gad na dirte, Afaan mutaa saniin Gad seente qirqixxe, Dakatti gad fixxee, Gogaa gad dabarte Foonitti gad lixxee, Lafee na qurxite Dhuha tiyya xuuxxe, Aahh.! Way dhiiguma kiyyani Akkan cululuyxee. Kaniin ani boohu Laalte natti seeyxa, Garaan koo agabuu Ati quufte burrayxaa, Humna too cabsitee Na dhoorkite buxaa, Akkaan tasgabbooyne Suuta na qunxuuxxaa, Akka ilmoo bineensa Beeka na tuttuyxaa, Akka yataamaatti Hinniyyaan na riiyxa, Nagaya nan laattu Hoggayyuu na jeeqxa, Amma booda gahee Aniis dadhabadhee Summinin sin fixaa. Si malee tan biraa naan taatuu an arkee, Siitu onnee tiyyaa fudhatee na dhoorkee, Yaa jaalallee firaa naaf tahee haalli kee, sirraa qaabameen jira ani amman if beekee, Jaalalti naaf duraa an qabamuu koon of shakkee. Haalaaf amala gubbaan bareedina fuulaa, Ijji tee goobanaa nyaarri keetiis kuulaa, Uumamni kee guutuun baayyee nama tolaa, Baareedduu akkanaa jaalachuun kennaadhaa, Sii dhabuun na miidhaa wal dhabuun carradhaa, An sii dhabuun fadhuu siitu naaf qaroodhaa, Si malee naan taane si argachuun fadhaa, Onnee koo guutun dhugaan si jaaladhaa. Jaalala si gaafachuun maaf si tahe baasa, Siin jaaaladha jachuun maalumaaf si aarsaa? Tuffiin qabdu beeki jaalalti badhaasaa, Gammachuun qeebaluun dhugaatti beekumsaa, Jaalala teetiitu onnee kootitti dhimmisaa, Gubee na boobeessa laphee tiyya keessaa, Siin jaaladhaa kootif maa funyaan ol qabdaa? Niihuu jaalatamnaan boona samii riiydaa, Carraa arra kana boruu immo ni dhabdaa, Hangumaa ammaati boonte qoma dhiibdaa, Foon fuula fixattaa wagga lama boodaa, Kan si laalun jiruu sareetti of herreegdaa. Sitti hin fakkaatin matuma kee sobdaa, Amma akka jabbii burraayxee fifiiydaa, Akka sa’aa dulloomeetti yeroo xiqqo booda Bakka dhabbaattuuf teessu illee dhabdaa, Ajaa’iba qabdaa maa yeroo tee gubdaa, Boona bilaash boonuun maal waa si fayyada? Wa’ee keenyaa nutii Sirritti beekkaanaa, Yaa galtee dhamaayyuu Maal isiin gaafannaa?
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. Archives
March 2019
Categories |